ONM-ABO Waxabajjii 24, 2025
Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Laafessaa Garmajjii jedhamu keessaa abbaa ilmaanii kan ta’e Obbo Badhoo Dagaagaa nama jedhamu Waxabajii 21, 2025 waraanni faashistii PP gara jabina hamaan rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu ONM odeeffateera.
Maanguddoon kunis yakka lubbuu isa baasisu kan hin qabaanne oggaa ta’u, murni jibbiinsa Oromummaa qabu Bilxiginnaan sirna dhableeyyii loltoota isaa qe’ee hawaasaa keessa bobbaasuun gabaasaalee dharaa namoota nagaa hirmaannaa siyaasaa kam irrayyuu bilisa ta’an baarjaa dharaan yakkee ajjeechaa irratti raawwachaa jira.
Waxabajjii 19, 2025 gandicha keessaa namoota nagaa 15 badii tokko malee qabanii mooraa waraanaa Affaree keessatti hidhanii dararaa turuun isaan keessaa namootni 4 reebicha hamaa irratti raawwateen namni tokko du’uu odeessi achii dhufu ni addeessa.
Namoota arfan reebaman keessaa sadii yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuun barameera.
Namootni kunis maqaan isaanii:
- Ayyaanoo Qumbii,
- Badhoo Bobbaa,
- Waarii Raayyaa
yoo ta’an yeroo gabaasni kun qindaa’etti namoota hidhaa keessatti dararaman keessaa lama sababa dhibeen itti hammateef gadhiifamuun barameera.

