ONM-ABO Waxabajjii 24, 2025
Qe’ee isaa irratti hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin akka itti ba’ee galu kan dhabe sabni Oromoo aanaa Harxummaa Fursee bakka addaa Neyney jedhamutti Sanbata Waxabajjii 21, 2025 milishoonni murna Bilxiginnaa maanguddoota lama jiraattota ganda Hadhoo kan ta’an maqaan isaanii:
- Obbo Sheek Muhee Aliyyii fi
- Yesuf Sheekuu jedhaman
ooyruu isaanii Neyney jedhamu keessaa qabanii reebicha ulfaataa irratti raawwachuun hidhaatti darbataniiru.
Akka jiraattota ganda Hadhoo Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti, jaarsoliin biyyaa kun yakka miidhaa irraan ga’u hojjetanii osoo hin taane, milishoonni sirnichaa kun sobaan yakkanii maqaa” Waraana Bilisummaa Oromootu ooyruu keessan dhufaa jira jedhuun maanguddoota kabajaan maluuf salphisanii akka daa’imaatti of dura buusanii reebaa hidhaatti darbachuun dabaluun dubbatan.
Gareen shiftaa murna Bilxiginnaa aanichatti iddoo WBO’n jira jedhanii yaadan cufa irraa dheessanii kallattii biroon qe’ee hawaasaa keessa naanna’uun dhiittaa mirgoota namoomaa garaa garaa hawaasa irratti raawwachaa kan jiran ta’uu fi gochaa badii isaanii kanaafis uummanni onichaa akka itti jiraatu dhabee gidiraa hamtuu dhala namaaf hin malle guyyuu keessummeessaa jiraachuu ifoomsaniiru.

