• Wed. Nov 25th, 2026

Iluu Abbaa Booraa Aanaalee garaa garaatti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata saamaa, hidhaa, doorsisaa fi reebaa akka jiran jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru

Jun 25, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2025 

Murni impaayera Itiyoophiyaa hawaasa nagaa sochii siyaasaa keessaa hin qabnee fi ilaalcha kam keessatti qooda hin fudhanne maqaa shakkii qaamolee siyaasaa waliin hojjettuu fi keessatti hirmaattu jedhuun hidhuu, ukkaamsuun dhabamsiisuu, ajjeesuu fi doorsisa kan raawwatu oggaa ta’u, yeroo ammaa godina Iluu Abbaa Booraa aanaalee garaa garaatti dararaa ulfaataa geggeessaa jiru.

Akka jiraattonni godina Iluu Abbaa Booraa himanitti miidhaan uummata siiviilii kanneen jireenya dhuunfaa jiraatan irratti gama milishootaa fi waraanaan guyyuu raawwatu daran isaan yaaddessuu himuun, gaaffii mirgaa gaafachuun yakka ta’ee kan jiru kaffaltii humnaa olii nu harkaa guuramaa jiruun hireen jireenya keenyaa fi daa’imman lafaa dhufoo daddaaqamaa fi xaxaa siyaasaa keessatti nagaan bahanii galuu danqamuun guyyuu reebamuun jireenya hadha’aa keessatti kufanii akka jiranis dubbatu.

Sochiin Waraana Bilisummaa Oromoos daran godinicha keessatti babal’achuu hordofee namoonni sabboonummaa qaban hunduu maqaa seelii WBO taatanii hojjechaa jirtu jedhuunis gidirfamaa jiraachuu dabaluun ifoomsaniiru.

Leave a Reply