• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaatti tiksitoonni impaayerattii obboloota lama bakka tokkotti haala suukkaneessaa ta’een ajjeesuun dhaga’ame 

Jun 25, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2025 

Kaleessa Waxabajjii 23, 2025 godina Lixa shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Deebisaa Aagasaa jedhamu keessatti ergamtoonni murna tokko qofa aangoo irratti tiksuuf bobbaafaman qe’ee hawaasa Oromoo keessa naanna’uun gocha duguuggaa sanyii raawwatan ittuma fufuun obboleeyyan lama kanneen maqaan isaanii: 

  1. Ambassaa Gaarradoo fi 
  2. Darajee Gaarradoo 

jedhaman yakka tokko malee mana maatii isaaniitii gadi baasuun akka bineensaatti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru 

Akka jiraattonni naannichaa bobbaa fi gala obboloota kanneenii beekan yaada isaanii ONM’f ibsanitti namoonni kunneen abbootii maatii kan ta’anii fi hojii isaanii irratti bobba’uun jiruu fi jireenya isaanii kan adeemsifatan malee hariiroo qaama siyaasaa kamiyyuu waliin kan hin qabnee fi balleessaa isaan ajjeesisu malee tarkaanfiin gara jabinaa kun irratti raawwachuu dubbatu. 

Dhaala gonfoo impaayera Itiyoophiyaa kan ta’e koloneel Abiy Ahimed, biyya tokko hoogganuu keessatti geggeessummaa jechuun waa’ee imaanaa uummataa geggeessaa tokkotti kennamee ta’uu osoo beekuu mataa jabeeffachuun, galfata uummata Oromoo nyaatee imaanaa sabichaa gatuun gochoota dabaa seeraa fi seenaan hin daganne raawwachuun guyyuu  imimmaan uummataa dhangalaasisaa oola.

Leave a Reply