• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Jajuutti ergamtoonni Bilxiginnaa “mana gandaa eebbisiisna” jechuun jiraattota saamaa jiraachuun himame

Jun 26, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 25, 2025 

Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Kombolchaa fi kanneen biroo hedduu keessatti tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa “mana gandaa eebbisiisna” jechuun tokkoon tokkoon jiraattotaa irraa qarshii 1,000 dirqamaan guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, kaffaltii kanas nagahee seeraa tokko malee afaan qawween harkaa fuudhaa kan jiran yoo ta’u, hawaasa harka qalleeyyii kanneen qarshii kana kaffaluu hin dandeenye ammoo reebichaa fi hidhaan hiraarsaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed kufaatii dinagdee impaayerattii mudate wabeeffachuun sababoota garaa garaa maqaa dhahachuun uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaatiin rakkoo ulfaataa keessa jiru irratti saamicha daangaa darbe raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.

Leave a Reply