ONM-ABO Waxabajjii 25, 2025
Arsii Bahaa aanaa Martii mooraa waraana Bilxiginnaa magaalaa Abboomsaa keessatti argamu irraa Waxabajjii 22, 2025 miseensonni poolisii Oromiyaa lakkoofsaan 4 ta’an:
- Isnaayipperii 1 fi
- qawwee AKM 3 mooraa PP keessaa fudhatanii ba’uun
gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiraachuu hooggansi WBO bakkichaa ONM’tti himee jira.
Akkasumas, magaalaama Abboomsaa irraa Waxabajjii 17, 2025 miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii kanneen sabaan Oromoo ta’anii fi baay’inni isaanii 5 ta’e:
- qawwee AKM 5 hidhannoo guutuu waliin
moonaa diinaa keessaa qabatanii ba’uun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisanii jiraachuun dabalataan ibsameera.
Miseensonni waraana Bilxiginnaa duraanii kunneenis mooraan sirnichaa ifatti diigamaa jiraachuu ragaa ba’uun, ilmaan Oromoo qawwee ormaa baatanii bututtuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf lola isaan hin ilaallannetti hirmaatanii aarsaa hin barbaachisne kaffalaa jiraniins, “akka keenya yeroodhaan meeshaa fi hidhannoo keessan qabadhaatii qabsoo Bilisummaa Oromoo jaarmiyaan ABO-WBO geggeessaa jirutti makamaa” jechuun dhaamaniifii jiru.

