ONM-ABO Waxabajjii 25, 2025
Waraanni garboomfataan PP kaayyoo fi mul’ata hin qabne hawaasa Oromoo dararuuf guyyaa guyyaatti tarsiimoo badiisaa qabatanii bobbaafamanii miidhaa hamaa qaqqabsiisuun cinatti dargaggoota jumlaan guuruun mooraa waraanaatti ergaa jiraachuu jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.
Yakki waraanatti ilmaan Oromoo guuruu oolee bulee jabaachaa kan jiru yoo ta’u, murni Bilxiginnaa dargaggoota abdii Oromoo ta’an fedhii isaanii malee dirqisiisuun dirree waraanaatti bobbaasaa jiru yeroo ammaa kanas bifa haarawaan godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii gandoota adda addaa keessaa ilmaan Oromoo fedhii isaanii malee guuraa jiraachuu dubbatu.
Bakkeewwan hojii humnaa, mooraa barnootaa, gabaa fi mana isaanii irra deemuun maatii doorsisuun qabaa kan jiran yoo ta’u yakki qonnaan bultoota adamsuun ukkaamsuu kunis egeree jiraattotaa irratti yaaddoo uumee jiraachuu itti dabaluun himaniiru.
Bilxiginnaan afaaniin nagaa labsaa hojiin ammoo diigumsaa fi gaaga’ama lubbuu qaqqabsiisaa kan jiru oggaa ta’u, abbootii, haadholii akkasumas dargaggoota Oromoo jiruuf jireenya itti hadheessuun ba’uu fi galuutti yaaddoodhaan dararamaa akka jiran taasisaa jira.


