ONM-ABO Waxabajjii 26, 2025
Ergamtootni sirna nama nyaataa Bilxiginnaa Waxabajjii 24, 2025 aanaa Dugdaa ganda Baqqalee Girrisaa bakka addaa Odaa Jaarii jedhamu keessatti maqaa ilma keessantu Qeerroo Bilisummaa Oromooti jedhuun abbaa ilmaa kan ta’an:
- Obbo Bochee Badhaasoo fi ilma isaanii
- Kurfaa Bochee
jedhamu jalaa manneen jireenyaa isaanii qabeenya guutuu waliin gubanii barbaadeessuu maddeen ONM’tti himan.
Shiftoonni sirnichaa kunneen namoonni kun yakka tokkollee osoo hin qabaatin maqaa isaan hin ibsine itti maxxansuun Oromummaa isaanii qofaaf mana jireenyaa isaanii fi qabeenya isaan ittiin jiraatan mancaasuun hiyyummaa keessatti kan kuffisanii fi yeroo ammaa kanas ilmaan isaanii bakka jireenyaa dhabuun harka namaa eegaa akka jiran jiraattonni onichaa ONM’f ifoomsanii jiru.
Duguuggaa sanyii Oromoota irratti geggeessuu qofaaf hidhannoo meeshaa waraanaan qe’ee uummata nagaatti kan bobba’an faashistoonni sirnichaa gochoota badii isaanii kana guutuu Oromiyaa keessatti jabeessanii jiraachuun kan beekamuudha.

