ONM-ABO Waxabajjii 26, 2025
Eegduun waajjira muummee humna ibsaa Keeniyaa Naayiroobii keessa jiru kaleessa galgala mormii guutuu biyyattii keessatti geggeeffamaa jiru irratti dhukaasa geggeeffameen lubbuu isaa darbe.
Dhaabbanni humna elektiriikaa kun ibsa kenneen akka mirkaneessetti, Obbo Fired Waanonyi, hojjetaan nageenyaa, naannoo sa’aatii 4:30 PMtti seensa daandii Kolobot irratti rasaasaan rukutame.
“Obbo Fired Waamaalee Waanonyi, eegduun waajjira muummee keenya Istiimaa Plaazaa irratti galgala seensa gamoo kanaa irratti rasaasaan rukutamee akka ture gabaasuun keenya baay’ee nu gaddisiisa,” jedha ibsi kun.
Humni Ibsaa Keeniyaa taatee kanaaf, haalli dhukaasni kun itti raawwatame baruuf qaamolee qorannoo waliin tumsaa jira jedheera.
Taatee kun guyyaa mormiin haaromfame guutuu biyyattiitti ka’e irratti kan mul’ate yoo ta’u, namootni kumaatamaan lakkaa’aman hiriira Waxabajji 25, 2024 lubbuu namaa galaafate yaadachuuf daandiitti akka ba’an barameera.
Hiriira cimaa guyyaa kaleessaa kanaan namootni 9 du’uu fi 400 madaa’uun miidiyaa Keeniyaa adda addaan gabaafaamaa jira.




