• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Harargee Aanaa Ciroo keessatti jaleewwan PP maqaa hariiroo WBO qabdu jedhuun uummata dararuu fi waraana keenya sooruu qabdu ittiin jechuun gidirsaa jiraachuun dhaga’ame

Jun 27, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 26, 2025 

Maqaa hariiroo WBO qabdu jedhuu fi ni soortu jedhuun uummata Oromoo guutuu Oromiyaa keessatti hiraarsaa kan oolan ergamtoonni sirnichaa aanaa Ciroo Aradaa Sheek Adam keessatti hawaasa ofiifuu waan ittiin ilmaan isaa jiraachifatu hin qabne doorsisuun nyaata waraana keenyaaf dhiyeessaa jechuun rakkisaa jiraachuu fi jimaa isaaniis yeroo fedhanitti qawwee isaaniin sodaachisuun guurrachaa akka jiran himameera.

Waraaanni goolessaan sirnichaa kunneenis araddaa Sheek Adam mana barumsaa ganda Lagaa jedhamu buufatanii uummatni achitti sooraa jiraachuu fi sababa waraanni sun mooraa mana barumsichaa keessa buufatee jiruuf hojiin baruu-barsiisuu adda cituun waggaa kana keessatti barattoonni gandoota 4 barumsa dhiisanii jiraachuu jiraattoonni ONM’tti himan.

Akka jiraattonni onichaa addeessanitti, qaamoleen  impaayerattii eeguuf hidhatanii jiran heddumminaan godinichatti bobbaafamuun guyyuu rakkinoota garaa garaa hawaasa Oromoo irraan ga’aa jiraachuu dabaluun ifoomsanii jiru.

Leave a Reply