• Fri. Jul 24th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti dargaggeessi tokko loltoota faashistii PP’n ajjeefamuun dhaga’ame 

Jun 27, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 27, 2025 

Aangawoonni PP lola itti fufee jirus ta’e gara fuula duraatti geggeeffamu kamiyyuu keessatti lammiilee nagaan eegumsa akka argatan gochuu fi ajjeechaa seeraan alaa dabalataa fi sarbamiinsa biroo ittisuuf dirqama osoo qabanii qaamolee meeshaa hidhatanii isaaniin lolan of-irraa qolachuu dhiisuun uummata nagaa qe’ee isaa irra jiraatu maqaa seelii diinaati jedhuun lubbuu obbaasaa kan jiran oggaa ta’u, Waxabajjii 25, 2025 dargaggeessi tokko Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuutti ajjeefamuu jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.

Dhalataa ganda Buukee-Goorii kan ta’e, dargaggoon maqaan isaa Hiikaa Shifarraa jedhamu ganama milishoota sirnichaan qabamee mooraa milishootaatti ganamaa kaasee hanga galgalaatti dararaan irratti raawwachaa turuun halkan toora sa’a 2:00’tti mooraa keessaa baafamuun bakka addaa Kaamboo jedhamutti ajjeefamuu jiraattonni dubbatu.

Murni Bilxiginnaa kutannoodhaan socho’uu fi qorannoo walabaa, loogii hin qabne, bu’a qabeessa ta’e gaggeessuu dhabuun yakka raawwatanitti qaamni isaan gaafatu dhibuun daranuu akka isaan lubbuu uummata nagaa balleessaniif ulaa saaqaa kan jiru yoo ta’u, torbee kana keessa ona Lataa Sibuu Bulchiinsa magaalaa Goorii fi Warra-Jirruu dabalatee gandoota cufatti yakki adda addaas raawwachaa akka jiru itti dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading