ONM-ABO Adoolessa 8, 2025
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Kusaayee Boodhaa jedhamu keessatti, Adooleessa 5, 2025 waraanni Bilxiginnaa qe’ee Obbo Katamaa Caakkaatti seenuun maatii gadda irra jiran reebicha ulfaataa irratti raawwachuun dhaga’ameera.
Reebicha ulfaataa erga irraan ga’aniin booda haadha manaa Obbo Katamaa
- Aadde Abaaboo Baacaa fi
- boo’icha kan dhufte Aadde Dibaabee Baqqalaa kan jedhamtu
qabanii hidhuun dararaa jiraachuu jiraattotni itti dabaluun ONM’tti himaniiru.
Goolessitoonni faashistii PP kunneen firootaa fi hawaasa ollaa kanneen gadda maatii keessa jiran jajjabeessuuf garas deeman danuus reebuun cinatti mana hidhaa magaalaa Leemmanitti hidhanii akka jiran dabaluun addeessaniiru.
Uummanni Oromoo biyyuma isaa keessatti mirga abbaa biyyummaa dhabuun, sirna dhabeeyyii waraana murna Bilxiginnaan gidiraa adda addaa irra gahaa jiruun abdii jireenyaa dhabaa jira.

