• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeelii fi Mana Sibuutti namoota 2 ajjeesuun dhaga’ame 

Jul 10, 2025

ONM-ABO Adoolessa 10, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Malkaa Eebichaa keessatti Adooleessa 9, 2025 nama maqaan isaa Obbo Siraaj Jaanoo Olaanaa jedhamu qabuun gara mooraa waraana PP Diillaatti geessuun rasaasa itti roobsanii haala suukkanneessaan ajjeesuu maddeen himan.

Obbo Siraaj Abbaa ijoollee sadii yoo ta’u, hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaayyuu kan hin qabnee fi hawaasa naannoo isaanii keessatti kabajaa fi mararfannaa guddaa akka qaban itti dabaluun himanii jiru.

Bifuma wal fakkaatuun aanaa Mana Sibuu ganda Baabboo Toobbaraa keessaa Adoolessa 9, 2025 waraanni PP gara sanatti bobba’uun nama maqaan isaa Obbo Sulxaan Raggaasaa jedhamu badii tokko malee qabanii deemuun magaalaa Mandii bakka addaa Waldaa Makaana Yesuusitti geessuun hawaasa fuula duratti rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatan. 

Kana malees maatiin Obbo Sulxaan waajjira poolisii bulchiinsa magaalaa Mandiitti hidhamuun hiraarfamaa jiraachuu jiraattotni dabaluun ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply