• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Boosatitti miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayerattii lama hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennachuun beekame

Jul 11, 2025

ONM-ABO Adoolessa 11, 2025 

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti miseensota raayyaa ittisa impaayerattii kan turanii fi sabaan Oromoo kan ta’an hidhattoonni sirnichaa lama duula duguuggaa sanyii impaayerattiin Oromoo fi Oromiyaa irratti labsitee jirtu mormuun mooraa diinaa gananii Waraana Bilisummaa Oromoo onichaatti harka kennachuu hooggansi WBO naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessee jira.

Tiksitoonni impaayerattii duraanii kunneen Adoolessa 7, 2025 aanaa Boosat ganda Siifaa-Raasaa keessatti kan argamu mooraa waraana sirnichaa keessaa miliquun WBO’tti akka dabalaman kan himame yoo ta’u, gama meeshaatiin qawwee: 

  • AKM Turkii 1, 
  • AKM dachaatuu 1 fi 
  • hidhannoo guutuu waliin qabachuun Waraana Bilisummaa Oromoo bira gahuu hoggansi WBO naannichaa ONM’f addeesseera.

Kanaan dura sobni Bilxiginnaa dhugaa isaanitti fakkaatee ajaja murna faashistii PP’n, uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu fi mana irratti gubaa akka turan kan amanan waraanni raayyaa ittisa impaayeerattii kunneen, balleessaa raawwachuu keenya amanneerra jechuun uummata Oromoo bal’aa dhiifama gaafataniiru.

Miseensonni raayyaa ittisa impaayeerattii duraanii kunneen simannaa WBO’n isaaniif taasisetti gammachuu qaban ibsachuun, gocha dabaa kanaan dura hojjachaa turanittis gaabbuun, mooraan Bilxiginnaa wal qoodiinsa sanyummaa irratti hundaa’een diigamsi guddaan keessoo isaaniitti uumamee akka jiruu fi walii isaanii irratti lola kaasuun wal adamsaa akka jiran dubbataniiru.

Xumura irrattis murni Bilxiginnaa sobaan ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi reebicha akkuma kanaan duraa uummata nagaa irratti akka hojjannu nu dirqamsiisaa kan ture, ammas duula lolaa Oromoo fi Oromiyaa hin ilaallannetti dirqamaan nu bobbaasuuf akka deemaa jiru hubachuun, akka gara mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBO naannoo keessan jiruutti dabalamtan jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

Leave a Reply