• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Cifraa Naannoo Affaaritti ajajaan humna Addaa Affaar miseensota isaa 41qabachuun gara Eritiraatti baqachuu hordofee naannichatti namoonni nagaan hidhamaa fi reebamaa jiraachuun ifoome

Jul 11, 2025

ONM-ABO Adoolessa 11, 2025 

Godina Cifraa Naannoo Affaar keessaa Adoolessa 8, 2925 ajajaan humna Addaa naannoo Affaar maqaan isaa: As-Mahaammad jedhamu miseensota isaa baay’inaan  41 ta’an meeshaa waraanaa waliin qabatee Eritiraa nagaan seenuu hordofee, hidhattootni murna Bilxiginnaa “Kora Bittinneessaa” jedhaman uummata Affaar baadiyaa fi magaalaa keessatti argaman cufa xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne reebicha ulfaataa irratti raawwachuu fi  hidhaa jiraachuun ibsame.

Dhalattoota Affaar hidhattoota sirnichaan magaalaa Asa’itaa irraa qabamuun magaalichumatti hidhaman keessaa kan maqaan nu ga’e dargaggoota lama maqaan isaanii Mahammad Bella’aa fi Alii Datoo jedhaman yoo ta’u,isaanis reebicha hamaa gara jabeenyii murna faashistii PP kanaan irratti raawwatameen haalli fayyummaa isaanii mana hidhichaa keessatti yaaddessaa ta’uu odeessi magaalaa Asa’itaa irraa ONM dhaqqabe ni ifoomsa.

Dabalataan ajajaan humna Addaa Affaar kun miseensota isaa waliin Eritiraa nagaan  ga’ee X isaa irratti waa maxxansuu ilaalchisee kaabinoonni dhalattoota Affaar ta’an tokkoo fi lamaan naannicha gadhiisanii gara Tigraayii fi Eritiraatti baqachaa jiraachuu fi sababa kanaanis naannoon Affaar kan yeroo kamuu caalaatti jeequmsa hamaa keessa jiraachuun beekameera.

Keessuma erga hogganaan biiroo naannoo Affaar Haji Ibraahim jedhamu eegdota isaa waliin gara Ertiraa deemuun qabsoo hidhannoo eegaluu labseen booda hidhattootni naannichaa gara isaatti deemuu baay’isanii jiru.

Tibba kana ammo waldhabdee pirezidaantii naannichaa obbo Awwal Arbaa fi itti gaafatamaa biiroo bulchiinsaa fi nageenyaa naannichaa obbo Gadduu Amaloo gidduutti uumameen caasaan nageenyaa fi siyaasaa isaanii diigamaa jiraachuun karoora lola Ertiraa fi Tigraay irratti PPn qopheeffatteef balaa ta’ee jiraachuu odeessi keessoo waraana Abiy Ahimed irraa argame ni ibsa.

Leave a Reply