• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Haaruu keessatti murni faashistiin PP hawaasa nagaa jumlaan hidhaatti guuruu jabeessee jiraachuun himame

Jul 12, 2025

ONM-ABO Adoolessa 12, 2025 

Dantaa dhuunfaa isaanii fi dirqama nam-tokkee faashisticha koloneel Abiy Ahimediin itti kennamte ba’achuuf jecha uummata nagaa irratti dhiittaa mirga namoomaa raawwachaa kan oolan ergamtoonni faashistii PP Adoolessa 10, 2025 Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu ganda Congee keessatti obbolaa lamaan dabalatee namoota nagaa 4 badii tokko malee mana maatii isaaniitii qabuudhaan waajjira gandaatti hidhanii dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Maqaan namoota bifa kanaan hidhamanii kunneen:

  1. Tasfaayee Ittafaa
  2. Boodanaa Tasfaayee
  3. Siisayee Taaddasaa fi obboleetti ishee
  4. Caaltuu Taaddasaa kanneen jedhaman ta’uus himaniiru.

Akka maddeen himanitti namoonni waraana sirnichaan hidhaman kunneen tuttuqaa siyaasaa kam irrayyuu bilisa akka ta’an himuun, gochoonni faallaa seeraa akkasii ergamtoota Bilxiginnaan maatii qabsaa’otaa irratti irra deddeebiin akka raawwachaa jirus dabalataan ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply