ONM-ABO Adoolessa 13, 2025
Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Goshuu keessatti tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa “milishummaa leenjitanii naannoo keessan eeggattu” jechuun dargaggoota doorsisaa kan jiran yoo ta’u, kanumaan wal-qabatees yeroo ammaa kana jiraattonni gandichaa yaaddoo hamaa keessa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, aanicha bakkeewwan hedduutti saamichi nagahee seeraa tokkollee hin qabne sababoota garaa garaa wabeeffachuun irra deddeebiidhaan hawaasa harka qalleeyyii irratti raawwatamaa jiraachuus maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Murni Bilxiginnaa jaleewwan isaa kumataamaan goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasuun meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti gochoota hammeenyaa hangana hin jedhamne raawwachiisaa kan jiru ta’uun ni beekama.

