ONM-ABO Adoolessa 13, 2025
Gujii Lixaa aanaa Galaanaa gandoota cufa keessatti maqaa ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jedhuun loltoota sirnichaan gubaatiin manneen jiraattota irratti raawwatu akkaan jabaachuu jiraattonni ONM’f eeranii jiru.
Haaluma kanaanis, Adooleessa 6, 2025 namootni manni jalaa gubate maqaan isaanii:
- Ganda Waacuu keessaa:
- Yohaanis Taaddasee,
- Darasoo Oriisaa,
- Tasfaayee Bokkoo Waaroo,
- Galgalee Shibbiruu,
- Denbaa Mijuu,
- Koncor Qabballee,
- Gammachuu Koncor,
- Asaffaa Soraa,
- Galgalee Mijuu fi
- Ayyaanoo Ruufoo kanneen jedhamanii fi
namoota hedduu jalaa qabeenya guutuu gubanii barbadeessuu jiraattotni ifoomsaniiru.
Kana malees ganda Barriitii irraa:
- Gammachuu Halakee,
- Jiloo Mijuu mana gudda tokkoo fi gootaraa midhaanii lama,
- Israa’eel Halakee,
- Halkee Ji’oo,
- Giddii Munuu fi
- Galgaloo Tuuttoo
Ganda Shaamoolee Odaa irraa:
- Shuruu Elemaa,
- Booyyee Halakee,
- Uddeesa Gumii,
- Badhaaso Guyyee fi
- Konfisii Badhee
Ganda Giwwee Baadiyaa irraa:
- Waaqoo Dullacha Bulee jalaa mana 2
- Abiraam Zallaqaa Mallee
- Galgalaale Dunguu fi
- Taadalee Badhaasoo
kanneen jedhaman badii tokko malee qabeenyi isaanii jalaa barbadaa’uun yeroo ammaa kanas da’annoo dhabuun beelaaf saaxilamanii gidiraa hamtuu keessumeessaa jiraachuu jiraattonni dabaluun Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranii jiru.

