• Tue. Nov 24th, 2026

Gareen faashistii PP uummata Oromoo fi Somaalee karaa daangaa Oromiyaa Bahaan bifa haaraan walitti buusuuf qopha’aa jiraachuun dhaga’eme

Jul 20, 2025

ONM-ABO Adoolessa 20, 2025 

Akkuma ammaan dura mootummaan EPRDF/TPLF mootummaa naannoo Somaalee bulchaa yeroo sanii Abdii Mohaammad Umar (Abdii Illee) jedhamuun beekamu qabatee walitti bu’insa ummata soomalee fi Oromoo uume yeroo ammaa kanas bifa haaraan tuttuqaa amma mul’atu gara lolaatti deebisuuf irratti hojjechaa jiraachuun barame.

Naannoo bara 2015 hanga 2016’tti uummata Oromoo Baha Oromiyaa fi Kibba Baha Oromiyaa akkasumas Kibba Oromiyaa Moyyaaleetti lubbuu uummata qulqulluu saba lameenii wal nyaachisee godaannisa hamaa ummata lamaan irratti hambisee jira.

Ammaas PP’n maqaa mootummaa Oromoo dha’atee aangoo impaayeraa dhuunfatee jiru walitti bu’insa hamaa sana caalu dhalchuuf sochiiwwan gara daangaa Baha Oromiyaa fi Kibba Baha Oromiyaatiin mul’atan qindoomina garee faashistii PP fi mootummaa naannoo Somalee Mustafee Mahaammadiin ta’uun lola guddaa fi buqqa’insa hamaa uummata keenya irraan ga’uuf deema.

Baha Oromiyaa keessaa bakkeewwan ammatti mallattoon lola qindoominni Soomalee irratti mul’achaa jiru godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo fi Doobbaa akka ta’e odeessi naannoo sanaa ba’u ni addeessa.

Gara daangaa bulchiinsa naannoo Somalee Gobalkaa Sitii jedhamuutiin magaalota akka Bittar, Manca, Mulluu fi Afdamitti humna qindeessanii akka lolaaf qophaa’an adda baafamee jira.

Wal dhabbii gosoota Somaalee keessa jijjirtu maanguddummaan mootummaan Somaalee fi bulchoonni naannoo Oromiyaa seenanii xumuranii turan.

Gosa Iissaa fi Haaguyyaa duraan lola hamaa keessa turan tokkummaa Somaalotaa jechuun xumaranii fuula gara uummata Oromoo akka deeffatan ajajni mootummaa PP irraa dhufe karaa mootummaa naannoo Somaalee irraa itti kennamee jira.

Uummanni Somaalee gama isaan nuti kaleessa uummata kanaan ollummaa gaarii qabna haala ammaan dura turetti deebi’uu hin barbaannu jedhanis mootummichi hin sodaatinaa waraana keenya poolisii humna addaa isiniif daballa jedhee abdachiisee jira.

Abdiin kun kennamuufis irra caalaan uummanni Somaalee naannoo ollaa uummata Oromoo jiraatu kun waan kanatti akka seenuu hin barbaanne dubbatu.

Garuu mootummaan dirqamaan dhiibee nu galchuuf deema waan kana quba qabaadhaa akka waan jechuutti dhaamsa dhaammatanii jiru.

Lolli kun fedha uummata Somaalee osoo hin taane fedhii Abiy Ahimed mootummaa naannoo lamaaniin raawwatu akka tahe dubbatamaa jira.

Haala kanaan kan wal qabatu hidhattoonni naannoo Somalee aanaa Mi’eessootti torbee darbe kana keessa kallattii iddoo Bareedaa jedhamtutti uummata Oromoo nama lama ajjeesuun  tokko madeessanii jiru.

Gara aanaa Doobbaatiinis torbeedhuma kana keessa guyyoota lamaan dura uummata aanaa Doobbaa rukutanii jiru.

Gareen maqaa Oromootiin aangoo impaayerattii dhuunfate uummata Oromoo hanga danda’e ajjeesee fi hidhee waan dhala namaa irratti namni hin raawwanne Oromoo irratti raawwatee kun hundi isa gahuu dadhabee amma bifa haarawaan walitti bu’insaan lubbuu qulqulluu fi qabeenya Oromoo balleessuuf waan hidhatee ka’e fakkaata.

Leave a Reply