• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Yamaaloogii Walalitti hidhattoonni PP namoota lama irratti yakka gudeeddaa raawwachuun ibsame 

Jul 20, 2025

ONM-ABO Adoolessa 20, 2025 

Tiksitoonni impaayerattii kan maqaa farra riphee lolaa jedhuun of waaman godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Akuukkuu bakka addaa Binoor jedhamu keessatti: 

  1. shamarree Dassinee Darajjee fi 
  2. Aadde Nuuriyaa Mahaammad 

Sayyoo Adoolessa 17,2025 waaree booda sa’a 9:30’tti bakka hojiitii qabuun yakka gudeeddaa irratti raawwachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Hidhattoonni sirnadhableeyyiin impaayerattii gocha suukkanneessaa fi safuu hawaasichaa cabsu raawwatan kunneen namoota torba ta’uun haawwan kanneen kan gudeedanii fi mooraa milishoota sirnichaa ganda Akuukkuu keessa kan jiraatan akkasumas achi irraa bobba’uun yakkoota farra dhala namaa fi nama saalfachiisu baay’inaan hawaasicha keessatti raawwachaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Bifuma kanaan miidhamni qaamaa ulfaataan kan irra gahee fi yaala wal’aansaatiif buufata fayyaa magaalaa Akuukkuutti geeffamanis miidhaan irratti raawwatame hammaataa ta’uu irraan kan ka’e gara hospitaala guddicha aanaa Aayiraatti rifeerii fudhatanii darbuu fi haalli fayyummaa isaanii yeroo ammaa akkaan yaaddessaa ta’uun ibsameera. 

Kana malees jaleewwan ergama Bilxiginnaan bobba’anii uummata hiraarsaa jiran kunneen shamarran qofa osoo hin taane haawwan Oromoo umuriin buleeyyii ta’anii fi kanneen maatii qaban kabajni ta’uufii malu irrattis saalfii tokko malee guyyaa saafaa ari’anii qabuun gochuma kana fakkaatu irratti raawwachaa jiraachuu fi uummatni Oromoo gandichaa qe’ee isaa keessatti salphachuu dabalatee dararaa hamaan irratti taasifamaa jiraachuu ONM’f eeraniiru.

Leave a Reply