• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Eebantuutti jaleewwan Bilxiginnaa dargaggoo tokko rasaasaan rukutanii madeessuun himame

Jul 21, 2025

ONM-ABO Adoolessa 21, 2025 

Aanaa Eebantuu ganda Birbirsa Waajjaa jedhamu irraa loltoonni murna Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Magarsaa Iddoosaa jedhamu Adoolessa 14, 2025 badii tokko malee rasaasaan madeessanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggoon kun hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabnee fi “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun rasaasaan rukutanii madeessuu himuun, yeroo ammaa kana miidhaa ulfaataa irra ga’een hospitaala Giddaa Ayyaanaatti du’aa fi jireenya gidduutti kan argamu ta’uu dubbatu.

Ergamtoonni murna Bilxiginnaa gubbaa hanga gadiitti jiran teessoo Abiy Ahimed tiksuuf kanneen bobbaafaman, ajaja qaama isaanii olii irraa itti kenname guutanii gammachiisuuf jecha nama siyaasa tkeessaa hin qabne maqaa adda addaan yakkanii hiraarsuu jabeessanii jiru.

Leave a Reply