ONM-ABO Adoolessa 22, 2025
Xiyyaarri leenjii humna qilleensaa Baanglaadeesh Wiixata kaleessaa magaalaa guddoo Daakaatti mooraa mana barumsaa fi kolleejjii tokkotti kufee lubbuun namoota 16 darbuu isaa waajjirri preesii hogganaa yeroo Baanglaadeesh Muhaammad Yunus beeksiseera.
Taatee kun kan mudate naannoo kaabaa Daakaa Uttaraa keessatti ta’uu kutaan hariiroo hawaasaa waraanaa ibsa baaseen ifoomseera.
“Xiyyaarri leenjii humna qilleensaa Baanglaadeesh F-7 BGI Uttaraa keessatti kufe.
Viidiyoon balaa kana booda mul’ate ibiddi guddaan naannoo margaatti ka’ee aara furdaa gara samiitti gadi lakkisuu namoonni hedduun fagoodhaa ilaalaa turan.
Yoo xiqqaate namoonni afur madaa’anii gara hospitaala waraanaa naannoo sanaatti geeffamuu isaanii gaazexaan biyya keessaa Protoom Aloo qondaala kutaa to’annoo tajaajila ibiddaa keessa jiru wabeeffachuun ibseera.
Gaazexaan guyyaa kun akka jedhetti gabaasaaleen jalqabaa xiyyaarichi foddaa mana nyaataa kolleejjichaa irratti kufee akka ture agarsiisa. Rooyitars odeeffannoo kana of danda’ee mirkaneessuu hin dandeenye.
Taatee kun kan mudate erga xiyyaarri Eer Indiyaa magaalaa ollaa Hindii Ahmedabad keessatti hospitaala kolleejjii yaalaa gubbaatti kufee namoota 242 xiyyaaricha keessa turan keessaa 241, lafarra turan keessaa ammoo 19 ajjeesuun, waggoota kurnan keessatti balaa aviyeeshinii addunyaa irratti isa hamaa ta’e agarsiisee booda jechuun Rooyitersa gabaaseera.


