• Tue. Nov 24th, 2026

Haalli Namoomaa Gaazaatti Keessattu kufaa jira jedhu hogganaan Mootummoota Gamtoomanii

Jul 22, 2025

ONM-ABO Adoolessa 22, 2025 

Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez Wiixata kaleessaa waraana Israa’el Hamaas waliin ji’oota 21 oliif geggeessite booda “haalli namoomaa Gaazaa keessatti saffisaan caccabuu” balaaleffataniiru.

Dubbi himaan isaanii Isteefen Dujaraach ibsa kennaniin, “sararaan jireenyaa dhumaa namoota lubbuun jiraachisu diigamaa jira,” jedhan. Hogganaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii “gabaasni daa’immanii fi ga’eessotaa hanqina nyaataatiin rakkatan dabalaa dhufuun isaa ni gadda” jechuun himan.

Biyyoonni dhihaa kurnan lamaa ol Wiixata  kaleessaas waraanni kun hatattamaan akka dhaabbatu kan gaafatan yoo ta’u, waraanni Israa’el hojii isaa gara magaalaa giddugaleessaa Gaazaa Deyir al-Balaahitti babal’isuu isaatiin gidiraan “gadi fageenyaa haaraan irra ga’eera” jedhan.

“Barreessaan Muummichaa guyyoota dhiyoo asitti diinummaa cimee dhufeen sirni namoomaa gufachaa, laamsha’aa fi balaadhaaf saaxilamaa jiraachuu hubatu,” jedhan Dujaarich.

“Ajajni haaraan baqachuu kutaalee Deyir al-Balaa – manneen kuma kudhaniin lakkaa’aman – haala abdii kutannaa fi buqqa’iinsa dabalataa keessa dhiibee galchuun dandeettii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gargaarsa lubbuu baraaru geessuu daangessuudha” jedhan jechuun AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply