ONM-ABO Adoolessa 23, 2025
Aanaa Shanan Dhuuggo araddaa Barakaa jedhamutti jaleewwan sirnicha utubuuf halkaniif guyyaa osoo hin jenne ifaajan, hawaasa hojii idilee isaa irratti bobba’ee jiraatu hunda dirqamsiisuun torban darbe keessa lafa isaanii qochisiifachaa turuun, jiraattota hojii isaanii irraa hafan immoo qarshii adabaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Adoolessa 20, 2025 maqaa “lafa keenya qotuu irraa haftan” jedhuun qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Aliyyii Ahimad,
- Mahaammad Shamsaddin,
- Sulxaan Jamaal,
- Idiris Aliyyii,
- Kaliifaa Hasan
jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an dirqamaan qarshii 500 kan adaban ta’uu namoonni araddichaa itti dhiheenyaan beekan ibsanii jiru.
Jaleewwan Bilxiginnaa aanicha guutummaa keessatti akka waan hawaasaaf bu’aa buusaa jiraniitti lakkaawwachuun hojii isaanii hunda uummata dirqamsiisuun hojjechiifataa kan jiran yoo ta’u, uummatnis karaa hojii dhuunfaa isaanii ittiin hojjetan dhabanii rakkachaa jiraachuun barameera.


