ONM-ABO Adoolessa 23, 2025
Loltootni murna Bilxiginnaa Adoolessa 18, 2025 magaalaa Gincii keessatti yakka tokko malee dargaggoo maqaan isaa Warquu Laggasaa jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii reeffa maatii dhorkachuun du’aan isaa guyyaa lama erga bakkee bulee booda maatiin isaa kaasanii akka awwaalan maddeen ONM’tti himan.
Oduu biraatiin immoo saamtonni murna PP aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Ereer Taraaraa bakka addaa Gabaa Qidamee jedhamuun beekamu keessatti uummata gabaa deemu Adoolesssa 19 qarqara gabaatti eeguun kaffaltii nagahee hin qabneen nama tokko irraa qarshii 150 afaan qawween funaanaa turuu odeessi gamasii ONM’n qaqqabe ni addeessa.
Kana malees borumtii isaa Adoolessa 20 onichuma ganda Guutoo Somboo jedhamu keessatti uummata cufaan gatii daagaa akkasumas dallaa waajjira gandaa ijaaruu diddan ittiin jechuun tokkoon tokkoon namootaa irraa qarshii 2000 funaanaa kan turanii fi maatii qabsaa’otaa gandicha keessa jiran namoota torba waajjira gandichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuun dabalataan ifoomee jira.



