ONM-ABO Adoolessa 24, 2025
Murni dhiiga ilmaan hiyyeessaan teessuma aangoo isaa tikfachaa jiru Bilxiginnaan, Adooleessa 21, 2025 aanaa Boosat ganda Saaraaf- Araddaa keessatti dirqamaan leenjii milishaatiif dargaggoota funaanaa turuu jiraattoonni ONM’tti himaniiru.
Namoota haala kanaan fedhii malee ukkaamfaman keessaa kanneen maqaa arganne:
- Galaanaa Birruu,
- Lataa Kabbadaa,
- Gammachuu Malkaa,
- Bojaa Alamuu Bojaa fi
kanneen biroo hedduu ta’an akka jiran jiraattotni ibsaniiru.
Ganduma Saaraaf – Araddaa kana irraa guyyaadhuma kana maanguddoo Abbaa Katamaa jedhamu jalaa loon 5 ooffatanii deemuus itti dabaluun addeessaniiru.
Oduu birootiin ammoo ganduma kana keessatti waraanni Bilxigginnaa torbaanuma kana keessa dubartii tokko irratti nama sadii ta’uun yakka gudeeddii raawwatanii jiraachuus ifoomsaniru.

