ONM-ABO Adoolessa 24, 2025
Ergamtoonni murna Bilxiginnaa kanneen dantaa dhuunfaa isaaniif jecha uummata Oromoo irratti sababoota sobaa tarreessuun gochoota gara jabinaa raawwachaa oolan, Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum araddaa 32 fi Burqaa Baadiyyaa jedhaman keessatti Adoolessa 20, 2025 jiraattota baay’inaan 75 ol ta’an waajjira gandaatti walitti qabuun reebichaa fi doorsisa garaa garaa irratti raawwachaa kan turan ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Araddaa Burqaa Baadiyyaa keessaa jiraattota reebichi hamaan irra ga’e keessaa kanneen maqaan nu ga’e:
- Ibiraahim Aliyyii Yaayyaa,
- Jawaad Aadamii fi
- Ziyaad Baarrii
kanneen jedhaman yoo ta’an, araddaa 32 keessaas namoonni reebichi ulfaataan milishoota sirnichaan irratti raawwachuun miidhaa qaamaa ulfaataaf saaxilamanii yeroo ammaa haalli fayyummaa isaanii sadarkaa yaaddessaa irra kan jiru ta’uun barameera.

