ONM-ABO Adoolessa 25, 2025
Godina Baha Shaggar aanaa Fantaalleetti jiraattonni gandoota aanichaa adda addaa keessa jiraachaa turan, erga hidhattoota murna PP’n buqqa’anii booda, egereen jireenya isaanii akkaan yaaddessaa ta’uu buqqaatonni kunneen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Jiraattonni teessuma jireenyaa isaanii irraa buqqifaman kunneen baay’inaan horsiisee bulaa fi muraasni isaanii qotee bultoota kan turanii fi jireenya isaanii qajeeltoon geggeeffataa akka turan jiraattonni ollaa aanichaa ta’an ragaa ni ba’u.
Haa ta’u malee torban kana jiraattota irraa akka odeeffannetti, buqqaatonni kunneen horiin isaanii malkaa dheedichaa irraa ittifamuu, akkasumas qotanii nyaachuun hafee midhaan qotatan irraayyuu waraana sirnichaan humnaan buqqa’anii egeree isaaniif wabii jireenyaa dhabanii yaaddoo qaban himuun, rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu fi birmannaa akka barbaadan dubbatu.
Kana malees rakkoowwan gama hanqina bu’uuraalee jireenyaan dhufanii fi bakka tokkotti walitti heddummaachuu irraan kan ka’e dhukkuboota adda addaaf saaxilamaa kan jiran yoo ta’u, torban darbe balaa dhibee koleeraatiin qabamanii wal’aansa dhabuudhaan lubbuun namoota 10 darbuu isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama

