• Fri. Nov 27th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Deeggaa keessatti hidhaan hawaasa nagaa irratti waraana Bilxiginnaan raawwatu hammaatee jiraachuun himame

Jul 25, 2025

ONM-ABO Adoolessa 25, 2025 

Hawaasa nagaa yakka tokko malee hidhuu kan aadeffate waraanni maafiyaan impaayerattii, Adoolessa 16, 2025 godina Buunnoo Beddellee aanaa Deeggaa ganda Sanaagaa Harawwee keessaa obboleeyyan lamaan kanneen maqaan isaanii:

  1. Tashaalee Biraanuu fi
  2. Gaaddisee Biraanuu jedhaman 

badii tokko malee hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen ONM’f eeraniiru.

Obboleeyyan waraana sirnichaan hidhaman kunneen badii qabaataniif osoo hin taane, sababa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhu itti maxxansuun gocha hammeenyummaa kana irratti raawwachuu dubbatu.

Akeekaa fi kaayyoon isaanii dantaa dhuunfaa isaanii fi ergama nam-tokkee koloneel Abiy Ahimed guutuuf jecha uummata nagaa bahaa fi gala dhorkaa jiran jaleewwan Bilxiginnaa, gochoota dabaa wal fakkaatoo ta’an aanicha keessatti sabboontota ilmaan Oromoo irratti raawwachaa kan jiran ta’us yeroo ammaa gochi kun inumaayyuu yaaddoo guddaa jiraattotaa ta’ee jiraachuus itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply