• Wed. Nov 25th, 2026

Raashiyaan Chaansilarri Jarman Merz Jarmaniin humna waraanaa irratti akka xiyyeeffattu gochuun isaa yaaddoo ta’uu dubbatte

Jul 25, 2025

ONM-ABO Adoolessa 25, 2025 

Raashiyaan Kamisa kaleessaa Chaansilarri Jarman Firiidrik Merz  daandii “waraanaa” hordofaa jiru jechuun himatttee, gocha kanas yaaddoo ta’uu ibsiteetti.

Merz, bakka bu’aan paartii konsarvaatiivii kan Caamsaa keessa aangoo qabate, Yukireen deggaruuf ejjennoo cimaa kan fudhate yoo ta’u, waldhabdee Yukireen keessatti uumame irratti dhiibbaa Raashiyaa irratti akka dabalu waadaa galeera.

Chaansilara ta’ee guyyoota muraasa keessatti Kiiv daawwachuun Yukireen haleellaa misaa’ela fageenya dheeraa qabiyyee lafa Raashiyaa irratti banuuf mirga qabdu raggaasiseera.

Merz jalatti Jarmaniin bara 2029tti baasii ittisaa saffisaan gara oomisha waliigalaa biyya keessaa dhibbeentaa 3.5tti guddisuuf kan karoorfatte yoo ta’u, bara 2024 qofatti galma NATO kanaan dura dhibbeentaa 2 ta’e galmaan geesseetti.

Dubbi himtuun Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Maariyaa Zakaaroovaan ibsa oduu torban torbaniin kennaniif akka jetteitti, Jarmaniin waggoota darban keessa imaammata ifatti diinummaa Raashiyaa irratti hordofaa turte, akkasumas Merz “jecha jechaatti guyyaa guyyaan” dubbii farra Raashiyaa cimsaa akka jiru himteetti.

Jarmaniin dubbii Zakaaroovaa kana irratti battalumatti yaada hin kennine jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply