• Tue. Nov 24th, 2026

Waldhabdeen daangaa Taayilaandi fi Kaamboodiyaa gidduutti  lubbuu namaa galaafatu uumame hammaataa dhufe

Jul 25, 2025

ONM-ABO Adoolessa 25, 2025 

Daangaa Taayilaandi fi Kaamboodiyaa irratti walitti bu’iinsi lubbuu namaa galaafate uumame yoo xiqqaate lammiileen nagaa 11 fi loltuu tokko hundi isaanii gama Taayilaandi irraa kan du’an yoo ta’u, rakkoon dippilomaasii ollaa Kibba Baha Eeshiyaa gidduutti gadi fageenyaan mul’achaa dhufeera.

Kamisa kaleessaa biyyootni  lamaan dhukaasa wal jijjiiran, lola kana eenyu akka jalqabe himachuun jeequmsi cimaa dhufe. Roobii irraa eegalee walitti dhufeenyi dippilomaasii haalaan kan hammaate yoo ta’u, Taayilaandi daangaa lafaa Kaamboodiyaa waliin qaxxaamuruu hunda akka cuftu taasiseera.

Erga waldhabdee Caamsaa keessa loltuu Kaamboodiyaa tokko ajjeesee as haalli kun hammaataa dhufeera.  

Maddeen waraanaa Taayilaand akka gabaasanitti, bulchiinsa Si Sa Ket keessatti haleellaa buufata boba’aa irratti raawwatameen namoonni jaha du’aniiru. Godinaalee daangaa sadii keessaa yoo xiqqaate namoonni 14 miidhaan irra gaheera.

Lolli kun kan hammaate humnoonni Taayilaand buufata waraanaa Kaamboodiyaa irratti haleellaa qilleensaa kan jalqaban yoo ta’u, Kaamboodiyaa nammoo jeettiiwwan Taayilaand daandii naannoo mana qulqullummaa seena qabeessa Prehaa Viheyar jedhamutti boombii darbachuu isaanii gabaasteetti.

Dubbi himaan Ministeera Ittisaa Taayilaand Surasant Kongsiri yoo xiqqaate naannoo daangaa ja’a keessatti lola gaggeeffamaa jiru mirkaneessaniiru. Walitti bu’iinsi jalqabaa Kamisa naannoo mana qulqullummaa durii Ta Muyen Toom kan daangaa bulchiinsa Surin Taayilaandi fi bulchiinsa Oddar Meyanchey Kaamboodiyaa gidduutti argamutti uumame.

Muummichi ministeeraa Kaamboodiyaa Hun Manet mootummaan isaanii furmaata nagaa wal irraa hin cinne hordofaa kan ture yoo ta’u, “weerara hidhannoo irratti humna hidhateen deebii kennuu malee filannoo biraa hin qabnu” jechuun labsaniiru.

Waldhabdee jalqabaa Kamisa darbe ilaalchisee waraanni Taayilaand loltoota Kaamboodiyaa hidhatanii  jiran ja’a lafa Taayilaanditti dhiyaatan osoo hin argin dura xiyyaara nama maleessa adda baasuu isaa gabaaseera. Loltoonni Taayilaand haala kana tasgabbeessuuf afaaniin yaalanis, humnoonni Kaamboodiyaa dursanii dhukaasa bananiiru jedhameera jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply