• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuutti Waraanni impaayerattii shamarran dirqisiisuun gudeedaa jiraachuu jiraattotni himan

Jul 26, 2025

ONM-ABO Adoolessa 26, 2025 

Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Dhaayee Willincoo bakka addaa Hara’aa Goobee jedhamutti waraanni impaayerattii Adoolessa 21, 2025 shamarran qoraan maatiif funaanuu deeman afaan qawween dirqisiisuun gudeedanii miidhaa qaamaaf saaxilanii jiraachuu jiraattotni himan.

Shamarran gudeeddaan irratti raawwatame kunneenis maqaan isaanii: 

  1. Ganzabee Dirribaa Sanbataa kan jedhamtu itti wal jijjiiruun gudeedanii miidhaa qaamaa hamaaf kan saaxilan yoo ta’u, 
  2. shamarree Faanosee Shallamaa Taalammaa fi 
  3. shamarree Burtukee Dhaqqabaa Damisee 

kan jedhaman ammoo iyyinaan hawwasni yoo birmatuuf hawwaasa birmateefis reebicha ulfaataa irraan ga’uun midhaa qaamaaf saaxilanii jiraachuu jiraattotni himan.

Waraanni maafiyaan impaayerattii aanaa Kuyyuu gandoota baadiyyaa garaa garaa keessatti yakkoota akka ajjeechaa, hidhaa, saamicha, gudeeddaa fi gubaatii manneenii irra deddeebbiin raawwachuun hawaasni aanichaa roorroo fi gidiraa hamtuuf saaxilamaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply