• Tue. Nov 24th, 2026

Kaanaadaan mootummaa Israa’eliin ‘balaa namoomaa’ Gaazaa keessatti mudateen balaaleffatte

Jul 26, 2025

ONM-ABO Adoolessa 26, 2025 

Kaanaadaan Kamisa dheengaddaa mootummaan Israa’el balaa namoomaa Gaazaatti mudate ittisuu dhabuu isaatiin balaaleffatte.

Muummichi Ministeeraa haaraan Kaanaadaa Kaarniin Israa’el gargaarsa maallaqa Kaanaadaan deggarsa namoota nagaa naannoo waraanaan miidhame Falasxiin keessa jiraniif ergame ugguruu isheetiin seera idil-addunyaa cabsite jechuun himataniiru.

“Kaanaadaan gama hundaan dhukaasa dhaabuu hatattamaa amanamummaa gaariin akka mari’atan gaafatti. Hamaas namoota booji’aman hunda hatattamaan akka gadhiisu, akkasumas mootummaan Israa’el tokkummaa naannoo West Baankii fi Gaazaa akka kabaju waamicha keenya irra deebi’uun ibsina,” jechuun Kaarniin X irratti dubbataniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply