• Wed. Nov 25th, 2026

Walitti bu’iinsa daangaa Taayilaandi fi Kaamboodiyaa gidduutti mudateen namootni 32 du’uun 130 ol madaa’an

Jul 26, 2025

ONM-ABO Adoolessa 26, 2025 

Qondaaltonni Kaamboodiyaa sababa waldhabdee daangaa Taayilaandi waliin deemaa jiruun namoonni 12 biroo du’uu isaanii kan gabaasan yoo ta’u, amma lakkoofsi namoota gama lachuutiin du’anii 32 ta’uun sodaan ollaan Kibba Baha Eeshiyaa waldhabdee dheeraa keessatti liqimfamuu malu jedhu dabalaa dhufeera.

Dubbi himaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Kaamboodiyaa Maaly Socheyata Sanbata har’aa gaazexeessitootaaf akka himanitti, namoonni nagaa dabalataa 7 fi loltoonni shan du’uun isaanii mirkanaa’eera. Namni lammii Kaamboodiyaa biraa tokko kanaan dura rookkeetonni Taayilaand Kamisa darbe galma Budiistotaa inni keessa dhokatee ture rukutee du’uun isaa gabaafameera.

Yoo xiqqaate lammiileen nagaa Kaamboodiyaa 50 fi loltoonni 20 ol ta’anis madaa’uu dubbi himaan kun himaniiru.

Taayilaandi lola guyyoota lamaan darban keessatti lammiileen nagaa 13 – daa’imman dabalatee – akkasumas loltoonni jaha ajjeefamuu gabaasteetti. Haleellaa Kaamboodiyaa raawwatteen loltoonni Taayilaand dabalataa 29 fi namoonni nagaa 30 madaa’aniiru.

Gaazexaan Kaamboodiyaa The Kamer Times qondaaltota bulchiinsa Kaamboodiyaa Pireyaa Viheyar wabeeffachuun hanga ammaatti jiraattonni gara  20,000 ta’an daangaa kaaba biyyattii fi Taayilaandi irraa baafamaniiru.

Naannolee daangaa Taayilaandi irraas namoonni 138,000 ol kan baafaman yoo ta’u, wiirtuuleen baqattootaa gara 300 banamuu isaanii qondaaltonni Taayilaand himaniiru. Jimaata darbe Taayilaandi aanaalee saddeet daangaa Kaamboodiyaa waliin jiran keessatti seera waraanaa labsite.

Waldhabdeen waggoota kurnan lamaan darbaniif ture – kutaa daangaa Taayilaandi fi Kaamboodiyaa mormisiisaa ta’e giddu galeessa godhate – Kamisa darbe erga dhohinsi boombii daangaa irratti mudateen loltoota Taayilaand shan madeessee booda deebi’ee ka’e.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNSC) walgahii hatattamaa Jimaata galgala Niiw Yoorkitti balbala cufaan walitti bu’iinsa uumame irratti xiyyeeffate gaggeessus, walga’ii booda garuu ibsa ummataaf ifa ta’e hin kennine.

Dhaabbanni oduu Asoosheetid Prees, dippilomaatii mana maree maqaan isaa hin ibsamne wabeeffachuun akka gabaasetti, miseensonni UNSC 15 hundinuu biyyootni lachuu  lola hammeessuu irraa of qabuu akka agarsiisanii fi waldhabdee kana karaa nagaa akka furan gaafataniiru.

Leave a Reply