ONM-ABO Adoolessa 29, 2025
Sirni uummata Oromoof gara lafina hin qabne impaayerri Itiyoophiyaa osoo hawaasni rakkoo qala’iinsa jireenyaan gubachaa jiruu kaffaltii naga’ee seeraan hin deggeramneen saamichi daangaa darbe nu irratti geggeeffamaa jira jechuun jirattoonni Baha Harargee Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Haaluma kanaan, Adoolessa 14, 2025 irraa eegaluun aanaa Kombolchaa keessaa kaadiroonni Bilxiginnaa osoo hawaasni rakkoo roobaa fi hongeen miidhamaa jiruu daldaltoota irratti xiyyeeffachuun maqaa gatii boondii jedhuun mallaqa 20,000 – 60,000’tti hanga gabaasni kun qindaa’etti afaan qawwee fayyadamuun uummata irraa guuraa akka jiran maddeen ifoomsanii jiru.
Godinichuma aanaa Jaarsoo keessattis gatii boondiin cinatti hidhatoonni PP kunneen manneen uummataa irra deemuun maallaqa irraa guuraa kan turan yoo ta’u, namoota kaffaluuf humna hin qabne ammoo gariin reebuu fi mana hidhaatti galchuun dararaa akka jiran maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

