• Thu. Apr 30th, 2026

Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa shamarree umurii 12 tokko nama hedduun gudeeduu jiraattonni eeran

Jul 31, 2025

ONM-ABO Adoolessa 31, 2025

Loltoonni naamusaa fi sansakkaa waraanummaa hin qabne aangoo nam-tokkee tiksuuf jecha hawaasa nagaa irratti duguuggaa sanyii fi gochoota safuu hawaasaa cabsan raawwataa ooltu waraanni impaayerattii, Adoolessa 27, 2025 aanaa Muneessaa ganda Heeban Laaqichaa iddoo addaa Bulchaanaa jedhamu keessatti daa’ima maqaan ishii Caaltuu Gurdee Quuqaa jedhamtu mana abbaa ishee keessatti itti seenanii gudeeduun yeroo maatiin ishee arganii iyyanitti qawwee irratti dhukaasuun hawaasa ollaa guutuu qe’ee keessaa baqachiisanii erga daa’imni kun miidhamteen booda gandicha gadi dhiisanii deemuu jiraattotni taatee kana ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Daa’ima kun umuriin ishee 12, barattuu kutaa 3’ffaa ta’uu fi shiftoota Abiy Ahimed uummata keessa bobbaaseen erga gudeedamtee booda miidhaan qaamaa ulfaataa irra gaheen hawaasni akka godhus dhabee yaaddoo hamaa keessa jiraachuu jiraattotni kunneen dubbatu.

Loltoonni kunneen yeroo gandichatti bobbaa’an mara ijoollee dubaraa fi haadholiitti jechoota garaa garaan arrabsaa turuu fi gochaan akkanaa kunis kan yeroo jalqabaa akka hin taane kan himan jiraattotni, namoonni isaan gocha akkasii irratti raawwatanis isin ajjeefna jedhanii gatii sodaachisaniif maatiittis himachuu sodaatanii rakkoo hamaa keessa kan jiran danuu ta’uu jiraattotni kunneen dabaluun eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading