• Mon. Mar 16th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Gimbii keessatti maqaa ijaarsa kooridorii jedhuun manneen hawaasaa diigamuun cimee itti fufe

Jul 31, 2025

ONM-ABO Adoolessa 31, 2025

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii magaalotaa fi gandoota baadiyyaa garaa garaa keessatti maqaa bareedina magaalaa fi ijaarsa kooridorii jedhuun manneen hawaasaa diiganii mancaasaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Aanicha keessatti gandootni baadiyyaa illee osoo hin hafin diigumsi manaa itti fufee kan jiru yoo ta’u, ganda Gabaa Sambataa jedhamu keessaa jiraattota harka qalleeyyii mana qorqorroo xiqqoo fi citaa ijaarratanii keessa jiraatan jalaa illee haala nama gaddisiisuun diigamuu fi gubatee mancaafamaa jiraachuu dubbatu 

Jaleewwan murna Bilxiginnaan bobbaafaman kunneen afaan qawweetti dhimma bahuun rakkoo ulfaataa hawaasa Oromoo irraan gahaa kan jiran yoo ta’u, yeroo darbes aanichuma ganda Waddeessa Waraqaa jedhamu keessattis maqaa boondii hidha laga Abbayyaa bituu qabdu jedhuun uummata bobbaa fi gala dhorkaa turaniiru. 

Maqaa misooma kooriidarii jedhuun Oromiyaa fi magaalaa Finfinnee keessatti lafa awwaalchaa, manneen amantii fi manneen harka qalleeyyii hedduun kan diigame yoo ta’u, gocha  Bilxiginnaa kana dhaabbileen mirga namoomaaf falman kan akka Amensty International mormaa fi akka dhaabbatu gaafachaa turuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading