• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Walloo Aanaa Baateetti hidhattootni Koloneel Abiy Ahimed qe’ee hawaasaa lama irraa guutummaatti mi’a yoo saaman, jal’isii namootaas gubuun mancaasan

Aug 2, 2025

ONM-ABO Hagayya 2, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baateetti goolessitootni murna Bilxiginnaa raayyaa ittisa impaayeerattii jechuun of yaamanii fi milishoonni sirnichaa waliin ta’anii  Adoolessa 21, 2025 irraa eegaluu maqaa sakattaa WBO jedhuun aanaa Baatee bakkeewwan garaa- garaatti kan bobbaafaman yoo ta’u, loltootni kunneenis wayita WBO’n tarkaanfii laalessaa irratti fudhatu akkuma amala isaanii of booda deebi’anii hawaasa aanichaa saamaa fi qabeenyaa isaa mancaasaa jiru.

Akka jiraattotni aanaa Baatee Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti, gareen saamtotaa Bilxiginnaa kun aanaa Baatee ganda Cinna-Garrii jedhamuu fi ganda Sokokkeetti hawaasa gandichaa afaan qawween sodaachisanii manaa ari’uun, wayita namoonni balbala isaanii gadi ba’an ofii ammoo mana namootaa caccabsanii seenuun qarshii dabalatee mi’a jiraattotaa kanneen akka uffannaa; warqee shamarranii, soolaarii bilbiloota harkaa fi kkfn gandoota lamaan kanneen irraa guurratanii mooraa isaaniitti kuufachaa  jiraachuu dabaluun dubbataniiru.

Aanichumatti gara jabeeyyiin murna PP kun ooyruu qonnaan bulaa Umar Moggaalee deemuun badii tokko malee oomisha isaa kanneen akka maangoo, burtukaana, muuzii fi kanneen biroo ibidda itti jalaa shiduun gubanii kan barbadeessan yoo ta’u, dabalataan aanichatti hidhattootni sirnichaa kun maqaa sakattaa WBO’n ba’anii hawaasa aanichaa irratti dhiittaa mirgoota namoomaa adda addaa raawwachaa akka jiran odeessi onicha irraa ONM dhaqqabe ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading