ONM-ABO Hagayya 2, 2025
Baha Oromiyaa godina Lixa Harargee aanaa Ciroo araddaa Sheek Aadam ganda Noolee jedhamu keessatti nama maqaan isaa Diinee Mahaammad jedhamu Adoolessa 28, 2025 tiksitoonni barcuma koloneel Abiy Ahimed maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun yakkanii guyyaa irraa toora sa’a 6:30’tti mana jireenyaa isaatii qabuun dararaa fi reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda halkan keessaa sa’a 8:00 irratti ajjeesanii gatuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti, Obbo Diineen abbaa maatii yoo ta’u, hojii dhuunfaa isaa irratti bobba’uun jiruu fi jireenya isaa kan geggeeffatu malee hariiroo qaama siyaasaa kamiyyuu kan hin qabne ta’uu ifoomsaniiru.
Gareen abbaa irree impaayerattii gocha duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwachaa oolu guyyaa guyyaatti ittuma fufuun, ajjeechaan bara sirnoota darban keessa saba Oromoo irratti raawwatee hin beekne bara bulchiinsa isaa daran hammaachuun ilmaan Oromoo irratti duguuggaa sanyii labsanii bakka maratti irratti raawwachaa oolu.


