• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti waraanni maafiyaan PP hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu hammeessan

Aug 3, 2025

ONM-ABO Hagayya 3, 2025 

Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Shuubii Gamoo irraa Adoolessa 30, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Raagoo Galaan,
  2. Taarikuu,
  3. Dabalaa Galaan fi haadha warraa isaa 
  4. Dammoo nama jedhamtu 

ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, jaleewwan Bilxiginnaa garuu sababa sobaa “WBO deggertu” jedhu itti maxxansuun kan hidhan ta’uu dubbatu.

Haaluma wal-fakkaatuun namoonni hedduun maquma “deggertoota WBO’ti” jedhuun waajjira poolisii aanichaatti gaaffii seeraa tokko malee yeroo dheeraaf hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Koloneel Abiy Ahimed gadaa aangoo isaa dheereffachuuf jecha jaleewwan isaa kumataamaan goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasuun sabboontota ilmaan Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachiisaa jira.

Leave a Reply