• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti Caasaaleen Bilxiginnaa maqaa ijaarsa seeraan alaati jedhuun abbootii warraa 17 ol qe’ee isaaniirraa buqqisan

Aug 3, 2025

ONM-ABO Hagayya 3, 2025 

Gareen hawaasa irraa dhalataniif naasuu tokko hin qabne lukkeeleen murna Bilxiginnaa Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti maqaa ijaarsa seeraan alaa jedhuun ganna kanaan jiraattota qe’ee isaanii irraa buqqisaa jiraachuun barameera.

Bifuma kanaanis aanaa Harxummaa Fursee ganda Diidoo irraa caasaaleen murna faashistii PP lafa jiraattotni mana irratti ijaarrachuun ganna 11 oliif irra jiraachaa turan maqaa “ijaarsi keessan seeraan ala” dafaa mana keessaa ba’aa yoo diddan konkolaataan dhufnee diiggannaa jedhuun hanga ammaatti abbootii warraa 17 ol buqqisaniiru.

Namoota wayita gannaa kanaan caasaalee Bilxiginnaan mana isaanii keessaa baafamuun yeroo ammaa bakkeetti argaman keessaa muraasni maqaan nu ga’e: 

  1. Aadde Faaxumaa Aliyyi,
  2. Hasan Ahimed,
  3. Huseen Ammadee,
  4. Mahaammad Ahimed fi
  5. Adanaa jedhaman ta’uu 

jiraattotni ona Harxummaa Fursee ganda Diidoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Akka jiraattotni kun dabaluun dubbatanitti, abbootiin warraa 17 ol ta’an lukkeelee Bilxiginnaan qe’ee isaanii irraa buqqifaman kun dubartii ulfaa, daa’imman, haadholii fi maanguddoota qabanii ganna kanaan bakkee keessatti roobaan dhaanamaa jiraachuu itti dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply