ONM-ABO Hagayya 4, 2025
Loltoonni Bilxiginnaa waanuma sammuun isaanii isaan ajaje cufa hawaasatti gadi buusuun nama rakkoo adda addaan ajaja isaanii guutuu dadhabe maqaa garaa garaa itti maxxansuun saamicha ulfaataa qaqqabsiisuu hammeessuun godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo magaalaa Masaalaa jedhamu keessatti jaleewwan Bilxiginnaa guyyaa lama dura maqaa kaffaltii gibiraa fi buusaa gonofaa jedhuun ”qarshii kuma dhibba lama lama fidaa” jechuun dirqamaan konkolaachistoota doqdoqqee fi bajaajii ofaanii jireenya isaanii gaggeeffachaa jiran irraa daandii gubbaa dhaabbachuun milishaa fi poolisiin magaalichaa waliin ta’anii maallaqa hanga fedhan saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Lukkeeleen kunneen, Adoolessa 30, 2025 nama maqaan isaa Obbo Mahaammad Qaasim jedhamu jalaa badii tokko malee, qarshii kuma afur saamanii deemuu fi akkuma aanichaatti dararaan ilmaan Oromoo irratti kan hammaate ta’uu himuun qaama itti iyyatus dhabee rakkoo ulfaataa keessa jiraachuun ibsamee jira.

