• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti hidhattoota Bilxiginnaan harmeen tokko garmalee reebamtee mana fincaaniitti gatamuun, yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuun dhaga’ame

Aug 4, 2025

ONM-ABO Hagayya 4, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Hara jedhamutti torban tokkoon dura harmeen maqaan isaanii Aadde Mareemaa jedhaman maqaa intala keetu bosona jira jedhuun lukkeelee Bilxiginnaan qabamanii garmalee reebamuun erga of wallaalaniin booda gara jabeeyyii maafi’aa PP kanaan bakkichaa kaafamuun qorqorroo 

mana fincaanii ganda Haraa kan keessi isaa bool’a gadi fagoo ta’etti kana gatanii deemuu maddeen ganda Haraa ONM’tti himan.

Akka jiraattotni gandichaa jedhanitti,ergamtoonni murna Bilxiginnaa kun harmee kana ganama toora sa’aa 2:00 erga mana fincaanii kana keessa buusanii otoo isheen iyyituu balbala manichaa itti cufanii deemuu dubbachuun, ijoolleen harmee kanaa wayita harmeen isaanii iyyitu balbalicha ofii isaaniif irraa banuu waan hin dandeenyeef hulaarra dhaabbatanii “harmeen keenya nu jalaa duute” jechuun wawwachaa kan turan oggaa ta’u, boodarra obbolaan harmee kanaa magaalaa Caffaa Roobit irraa ka’anii daandii dheeraa deemuun guyyaa toora sa’atii 7:00’tti harmee kana mana fincaanii keessaa baafachuu ibsan.

Aadde Mareemaan reebicha ulfaataa irratti raawwatamee fi mana fincaaniitti gatamuun foolii ajaa isaan seeneen rakkoo fayyaa hamtuuf saaxilamanii mana yaalaa seenuun hanga gabaasni kun qindaa’etti du’aa fi jireenya gidduu  jiraachuu himuun, Namoonni gocha badii adda durummaan ishee irratti raawwatanis ergamaa Bilxiginnaa Saadam Mahaammad Amiinuu fi Hasanoo kan jedhamu  ta’uu maddeen himuun, aanichatti warreen maqaan isaanii eeramee fi fakkaattoonni isaanii hawaasa nagaa irratti dhiittaa mirga namoomaa daangaa darbe geggeessaa jiraachuu ONM jiraattota onichaa irraa odeeffateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading