ONM-ABO Hagayya 4, 2025
Mootummaan haaraan Pirezidaantii Lii Jaye-miyung waldhabdee Kooriyaa Kaabaa waliin jiru salphisuuf yeroo barbaadutti, aanga’oonni Kooriyaa Kibbaa sagalee guddiftuu tamsaasa farra Kooriyaa Kaabaa daangaa biyyattii irratti dhageessisan buqqisuu jalqaban jechuun Ministeerri Ittisa Biyyaalessaa Kooriyaa Kibbaa ibseera.
Dubbi himaan Ministeera Ittisaa Kooriyaa Kibbaa Lii Kiyung-ho Wiixata har’aa ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, “Har’a irraa eegalee waraanni sagalee guddiftuu buqqisuu eegaleera.
Ji’a Waxabajjii keessa aangoo erga qabatanii yeroo muraasa booda bulchiinsi Lii tamsaasa olola sirni Kooriyaa Kaabaa qeequ ollaa isaa waliin marii dhaabbate deebisee jiraachisuuf waan barbaadeef cufe.
Garuu Kooriyaan Kaabaa dhiheenya kana yaada kana diduun Kooriyaa Kibbaa waliin haasa’uuf fedhii akka hin qabne ibsiteetti.
Biyyoonni kunneen teeknikaan waraana keessa kan jiran yoo ta’u, waraanni Kooriyaa bara 1950-53 waliigaltee nagaa osoo hin taane waraana dhaabuun waan xumurameef, waggoota muraasa darban keessatti hariiroon isaanii hammaataa dhufeera.
“Tarkaanfii qabatamaan akkanaa waldhabdee Kaaba waliin jiru salphisuuf waan kaayyeffatedha,” jechuun ibsi ministeerichi Wiixata har’aa baase ni addeessa.

