ONM-ABO Hagayya 4, 2025
Godina Qellem Wallagga aanaa Gidaamii magaalaa Gidaamii keessatti kaabinootni Bilxiginnaa maqaa daandii hojjennaan abbootii qabeenyaa baajaajii qarshii humnaa olii gaafatan.
Gareen yeroo ammaa hanqina baajata isaa uummata dararee guuttachaa jiru PP bakka uummatni bu’uuraalee misoomaa nuuf guutaa jedhanitti, maallaqa uummatni hin qabne gaafachuun hojii qulqullina hin qabne deebii yeroof hojjetu.
Akka kanaanis aanaa Gidaamii magaalaa Gidaamii keessatti abbootii qabeenyaa Bilxiginaan tokko tokkoon isaa qarshii 7500 akka kaffalaniif ajajanii jiru.
Sababa qarshii abbootiin qabeenyaa kun hin dandeenye gaafataniif kaffaluu diduun yeroo ammaa baajaajii isaanii dhaabanii jiraachuun barameera.
Abbootii qabeenyaa baajaajii malees konkolaattoota biroo fi manneen daldalaatti dirqama gadi buusuun maallaqa kana akka kaffalan taasisaa jiru.
Akka abbootiin qabeenyaa kun jedhanitti galii xiqqoo jireenya isaanii itti tikfatan argachuuf baajaajii maallaqa ofii fi namoota irraa liqeeffannee binnee meeshaa jijjiirraa isaa iyyuu itti bituu dadhabne kana keessatti kan maqaa garaagaraan maallaqa nu irraa guuraa ba’anitti ammas gibira biratti kana nu gaafataa jiru jechuun aarii dubbatu.
Aanaa Gidaamii magaalaa Finfinnee fi Dambi Doolloo irraa fageenya kan qabduu fi daandii federaalaa ishees ciccitaa waan ta’eef oomisha geessuu fi bitatanii galfachuu rakkoo kan argaa jiran yoo ta’u, keessuma hanqina boba’aa guutuu impaayerattiitti mudateen wal qabatee ammoo magaalicha keessatti gatii garmalee qaala’uu fi dhabamee imaltootni dararamaa turuun ni yaadatama.

