ONM-ABO Hagayya 5, 2025
Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Tuchii Haroo jedhamu keessatti Hagayya 1, 2025 nama maqaan isaa Obbo Aabbuu Gadaa jedhamu jalaa sirna dhableeyyiin waraana Bilxiginnaa badii tokko malee loon 16 ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Obbo Aabbuun qonnaan bulaa abbaa ilmaan 3 akka ta’ee fi hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun, armaan duras maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun manneen jireenyaa 4 qabeenya hunda waliin jalaa barbadeessanii jiraachuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa gama maraan kufte deebisanii suphuuf jecha saamicha ulfaataa ta’een dinagdee uummata Oromoo quucarsaa jiru.

