ONM-ABO Hagayya 5, 2025
Badii tokko malee namoota nagaa yakkuun hidhanii sodaa siyaasaa uummata keessatti uumuun barcuma siyaasa isaanii dheereffachuu kan barbaadu murni Bilxiginnaa waraana isaa bobaasuun Adoolessa 28, 2025 godina Buunnoo Beddellee aanaa Deeggaa ganda Harawwee keessatti hawaasa nagaa badii tokko malee hidhaatti guuraa turuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoota bifa kanaan yakka tokko malee hidhaman keessaa kanneen ammaaf maqaan isaanii nu ga’e:
- Imaanaa Dabalaa,
- Waaqshumaa Geetaachoo fi
- Roobaa Abbabaa kanneen jedhaman ta’uun barameera.
Namoonni kunneen yakka hojjetaniif osoo hin taane maqaa “ilmaan keessan Waraana Bilisummaa Oromootti dabalamanii jiran hanga galchitanitti mana hidhaatii hin baatan” jedhuun daramaa kan jiran ta’uun eeramee jira.
Kana malees, kaadiroonni fi hooggantoonni waraana impaayerattii kanneen aanaa Deeggaa keessa maadheffatanii jiraatan Adoolessa 30, 2025 maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun jiraattota ganda Harawwee guutummaa namoota leenjii waraanummaa hin qabne meeshaalee qara qaban kanneen akka: Eeboo, Billaa, ulee fi kan kana fakkaatan baachisanii dirqamaan ganama sa’a 02:00 irraa eegaluun hanga galgala sa’a 12:00’tti bosona naannichaa keessa joorsaa kan oolan ta’uu jiraattotni itti dabaluun eeranii jiru.
Akka jiraattotni himanitti, kaayyoon jaleewwan Bilxiginnaa hawaasa meesha maleeyyii dirqamaan maqaa sakattaa WBO jedhuun bosona keessa deemsisaa oolan kun akka Waraanni Bilisummaa Oromoo uummata nagaa irratti tarkaanfii fudhatuuf itti yaadamee akka ta’e himuun, sana boodas WBO’n hawaasa nagaa irratti tarkaanfii fudhate jechuudhaan maqaa balleessuuf akka ta’ee fi kana malees uummata Oromoo fi loltuu bilisummaa Oromoo walitti buusuuf akka ta’es ibsaniiru.

