ONM-ABO Hagayya 5, 2025
Saayinsii fi naamusa waraanummaa homaa tokkollee kan irraa hin calaqqisne ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed, Lixa Shaggar aanaa Jibaat ganda Kuttaayee Alii keessatti Hagayya 3, 2025 wal dhibdee miseensota raayyaa ittisa impaayerattii gidduutti mudateen dhukaasa walitti banuun battalatti 2 yoo wal irraa ajjeesan, hedduun ammoo madaa’uu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa ONM’tti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, waraanni faashistii PP kunneen guyyaa kana maqaa sakattaa WBO jedhuun aanaadhuma Jibaat irraa gara gandichaatti kan bobba’an yoo ta’u, wal-dhibdeen gidduu isaaniitti uumame kunis sabaan wal-qooduu irraan kan ka’e ta’uu dubbatu.
Ajajaan waraana Bilxiginnaa guyyaa kana jaleewwan isaa of jala hiriirsee dirqamicha bobba’e nama maqaan isaa Phaawuloos jedhamu ta’uun barameera.
Dhiigni namoota qulqulluu waraana sirnichaan yakka tokko malee dhangala’aa oolu impaayerattii nagaa dhorkachuu bira darbee jaleewwan Bilxiginnaa sadarkaa gubbaa hanga gadiitti jiran gidduutti garaa garummaa uumuun walitti isaan deebisee wal-ficcisiisaa kan jiru ta’uun ni beekama.

