• Tue. Nov 24th, 2026

Dargaggoonni lama waraana Bilxiginnaan Lixa Wallaggaa Aanaa Laaloo Assaabiitti ajjeefamuun dhaga’ame 

Aug 6, 2025

ONM-ABO Hagayya 6, 2025 

Hagayya 4, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Gomboo jedhamutti waraanni murna PP sababa tokko malee dargaggoota lama mana jireenyaa isaanii keessaa gadi fuudhuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii deemuu jiraattonni ifoomsaniiru.

Maqaan dargaggoota kanneeniis:

  1. Yooseef Waaqgaarii fi
  2. Lammii Abdiisaa 

kanneen jedhaman yoo ta’an, dargaggoonni kunneen yakka lubbuu isaanii baasisu tokkoyyuu akka hin raawwannes jiraattotni itti dabaluun ibsaniiru.

Impaayera sobni dhugaa dhaale Itiyoopiyaa keessatti namummaan kabajamuun hafee, eenyummaa keetiin yakkamtee ajjeeefamuun, qaamni lammiilee qulqulluu irratti ajjeechaa raawwaates, akka nama gocha gaarii godheetti leellifamuu fi badhaasni isaaf kan qophaa’u yeroo ta’ee jirutti, gatiin lubbuu namaas biseensotaa gadi-ta’uun murni nutu siif beeka jedhu Billxiginnaan guyyaatti lubbuu namoota nagaa akka feete obbaasaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply