ONM-ABO Hagayya 6, 2025
Gareen bolola aangoo qabuu fi siyaasa rakasaa qabatee socho’u Bilxiginnaan, dhiiga qeerroo fi qarree Oromoon bu’aa qabsoo argame butee aangootti ba’uun ajjeechaa sirnoota darban keessa geggeeffamaa tureen olitti daranuu dargaggoota qaroo saba Oromoo ta’an badii tokko malee ajjeesuun, siyaasa isaa miidhagfachuuf jecha miseensa WBO’ti jedhee fakkeessii raawwatu Hagayya 4, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbiitti dargaggoo tokko ajjeesuun dhaga’ameera.
Dargaggeessi ajjeefame kunis maqaan isaa Aliyyii Mohaammad Adam kan jedhamu oggaa ta’u, aanaa Gimbii ganda Innaangoo Dambal bakka addaa Kaajootti rasaasa sadiin kan ajjeefame ta’uu fi loltoonni ajjeechaa irratti geggeessan kunneenis burjaajii siyaasaa tolfachuuf jecha nama nagaa ajjeesuun uffannaa waraanaan qaama isaa golguun waraana fakkeessuu jiraattonni itti dabaluun ifoomsaniiru.
Kana malees guyyaadhuma sana qe’ee Obbo Umar Huseen loltoonni murna Bilxiginnaa deemuun maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun qonnaan bulaa tuttuqqaa siyaasaa kamiyyuu keessatti hin hirmaanne mana jireenyaa isaa ibidda itti shiduun jalaa gubanii barbadeessuun beekameera.



